Categories

A sample text widget

Etiam pulvinar consectetur dolor sed malesuada. Ut convallis euismod dolor nec pretium. Nunc ut tristique massa.

Nam sodales mi vitae dolor ullamcorper et vulputate enim accumsan. Morbi orci magna, tincidunt vitae molestie nec, molestie at mi. Nulla nulla lorem, suscipit in posuere in, interdum non magna.

Dubbataan waajjiraa damee dhimma alaa biyya yuunaaytid isteets Joon kirbiin haala himannaa shoorarkeessummaa mana heeraa itoophiyaa hoggantoota jaarmaya siyaasaa irratti dhihaate irratti ibsa kaleessa Ebla 29 tti kennan.

Share On Facebook

Himannaa shoorarkeessummaa tan Mootummaan Itoophiyaa obboo Baqqalaa Garbaa itti aanaa dura taa’aa lammaffaa KFO fii namoota sababaa mormii Oromiyaa tiin ji’a Sadaasa 2015 irraa eegalanii hidhamaa jiran mootummaa Yuunaaytid steets haalaan yaaddeysaa tahuu joon Kirbiin dubbataan waajjiraa damee dhimma alaa biyya Yuunaaytid steets guyyaa Jimmata kaleessaa ibsa kennan.
Mootummaan Itoophiyaa sirna Dimokraasii dagaagsuu dhiiftee heera shoorarkeessummaa adabuu kan baafatte irratti irkattee gaazeexeessoota, miseensota jaarmayoota siyaasaa fii hayyoota hawaasaa dararaa fii hidhaa jirtu kana waajjirri isaanii ciminaan balaaleffachuu joon kirbiin hubachiisan.
Tarkaanfii humnaa tan mootummaan Itoophiyaa fudhattee jiraattota sababa mormii oromiyaatiin ajjeesaa, hidhaa ,dararaa jirtu gadi fageenyaan balaaleffachaa humna gocha kana ummata hiriira nagahaa geggeessanirratti raawwatte heeraaf akka dhiheessan waajjirri gaafachuu ibsan.
Sababaa mormii kanaan namoota hidhaa jiraniis daddaffiin murtiin heera dhugaa akka itti kennamtu dhaamaa; mootummaan mirga lammilee fii jaarmayoonni siyaasaa qaban kabajaa namoota haala kanaan hidhaa jiran mirga namoomaa kabajuun akka hidhaa keessaa baafaman joon kirbiin maqaa waajiraa damee dhimma alaa yuunaaytid isteetiin hubachiisan.

Share On Google Plus

Share On Linkedin

Source: http://ethsat.com/dubbataan-waajjiraa-damee-dhimma-alaa-biyya-yuunaaytid-isteets-joon-kirbiin-haala-himannaa-shoorarkeessummaa-mana-heeraa-itoophiyaa-hoggantoota-jaarmaya-siyaasaa-irratti-dhihaate-irratti-ibsa-kalee/

Categories

A sample text widget

Etiam pulvinar consectetur dolor sed malesuada. Ut convallis euismod dolor nec pretium. Nunc ut tristique massa.

Nam sodales mi vitae dolor ullamcorper et vulputate enim accumsan. Morbi orci magna, tincidunt vitae molestie nec, molestie at mi. Nulla nulla lorem, suscipit in posuere in, interdum non magna.